Abbaa Abbaa Caalu

Yeroon isaa gara jalqaba bara 1990 A.L.I ture. Ani immoo ijoollee reefuu milla hikkatee oliif gadii burraaqaa oolun ture. Maatii keenyaaf mucaa jalqabaa waanan tureef jaalallii fi walitti dhufenyi ani abbaa koof haadha koo wajjin qabu hanga har’aatti yeroon waa’ee sanaa yaadu kalleessa natti fakkaata.

Ilma jalqabaa waanan taheef addumatti hariiroon ani abbaa koo waliin qabu kan abbummaa barameen garasiiti, yeroo boqonnaa isaa hundumaa anaa wajjin otuu oliif gadi fiignee taphannuu galgalli gaha. Keessumaa immoo yeroo hundumaa hojii oolee hamma inni manatti deebi’uutti balbala dura taa’een yeroon karaa karaa ilaalu matumaa sammuu koo keessaa hin badu.

Yeroo tokko tokko sababa baayyina hojii fi sagantaa hawwaasummaan akkasumas dhimma dhuunfaa isaatiin gaafa galgaleeffatu gurra qeenseen sochii ala jirun dhaggeeffadha, yeroo namni balbala dallaa keenyaatti bu’u abbaa kootu dhufe jedheen ija koon oliif gadi kaadha, hangan isa arguutti wantan hin dandeenye yoo jiraate tasgabbaa’uudha.

Yommuu inni dhufu anis fuula ifaa, gammachuu fi jaalala qulqulluun ofiirraa bu’een isa simadha; harka bal’iseen itti marama, fuulli koo ilkaanuma taha, mana keessa asii fi achi deemeen dhufaatii isaa miseensa maatii hundumaa beeksisa, dhufaatiin isaa waan baay’ee jijjiira, tasgabbii fi nagaa guddaatu mana keenya keessatti taha, xiyyeeffannoon hundumtuu gara abbaa kootti taha.

Abbummaa Waaqayyoo

Abbaan jaalala guddaa attamii akka nuu agarsiise mee ilaala ! jaalala kanaan nuyi ijoollee waaqayyoo jedhamnee in waamaamna, dhuguumas nuyii ijoolle isaati.

1 Yohannis 3

Waaqayyo garuu abbaa keenya isa dhugaa dha!
Gooftaatti kan jaallatamtan hundumti keessan yeroo hundumaa Waaqayyo warra isa dhaga’anitti karaa tokkos karaa biraas in dubbaata.

Abbaan ijoolle isaatiif akka garaa laafuu,waaqayyoos akkasuma warra isaa sodaataniif garaa in laafaa

Faarfannaa 103:13

Waaqayyo abbaan keenya inni gara laafessi, inni warra badan barbaadu, inni warra gataman lafaa kaasu, inni ulfina keenya nuuf tahe har’as xiyyeeffannoo keenya isa irra akka godhannu barbaada. Yommus wanta nu barbaachisu kammiyyuu argachuu dandenya. Abbummaan Waaqayyoo utubaa jireenya keenyaati; Waaqayyo dhugumaan uumaa waan maraati garuu addumatti immoo warri kennaa Waaqayyo dhala namaaf kennee simatanii jaalalaan fudhatan aboo mucummaa isarraa argataniiru. Eyyeen, Waaqayyo uumaa hundumaati garuu abbaa nama hunduuma miti. “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananidha. Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee dhiigattii yookis fedha foonittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne“.

Eergaa abbaan keenyaa innii lafarra nuuf yaadee abbaan keenyaa innii waaqarraa immoo calchisee nuuf hin yaduuree,wantootnii nuyii kessaa darbinuu hundumtuu fulaa isaa duraa kan hin dhokanne ,furmata fi qorichaa dhukkubaa keenyaa hundumaa isaa tahee abba amanamaa jaalalaan yeroo hundumaa dhufatii keenya eeguu, bahuu fi galuu keenya hundumatti araara isaatiin nuu tiksuu waaqarraa waan qabnuuf haalaa jirruu hundumma keessaa baanee amaantiin gara isaatti dhiyachuun nuuf haa tahu.

Yohaannis 1:11-13

Eebbaaf ta’aa!


Yaadota

One response to “Abbaa Abbaa Caalu”

  1. Abrahaam Jireenyaa Avatar
    Abrahaam Jireenyaa

    Eeyyee! Dhugaadha Abbaan keenya.Inni hundumaa irra nuuf caalu, Waaqayyo isa hundumaa danda’uu fi hundumaa gararraa jiru_Waaqayyodha!

Yaada kenni