Kajeellaa Hamaa

Garuu tokkoon tokkoon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala.

Yaaqob 1:14-15

“Nama baadiyyaaf sareen fira isaa dhihoodha. Abbaan warraa adamoof yeroo bahu, tikeen yeroo saawwan isaa yaasu, haati warraa yeroo borootii hojjettu…sareen miseensa maatii taateema kam keessaa iyyuu kan hin dhibamne dha. Ta’us umuriin isaa deemaa yeroo deemu akka durii isaa fiigee ari’uu, naannoo kabachiisuu in dadhaba. Maarree egaa wanti hundi isaa yeroo dadhabaa deemu kan hin dadhabne wanta tokkoosaa qofa; innis qoonqoo isaa! Abbaan isaa waa’een wanta nyaate-rafaa kanaa isaan tuttuqa. Akka hin ajjeefneefi harka isaanii irraa nyaatee kan guddatedha, akka hin dhiifneef ammoo qallabi isaa rakkisaadha, fageessanii akka hin gatneef immoo fuunfataa deebi’a karaa irra dhufe. Kanaaf mala tokko dhahanii jiru, saree dullacha sana qabanii fiixee funyaan isaatti dhadhaa dibu. Akka amala isaa rafee yeroo harganu dhadhaan itti urgaa’a, eessaa akka urgaa’u wanta hin beekneef ammoo funyaan isaa gara lafaatti qabee fuunfata. Hammuma tarkaanfatu gara dhadhaa isa urgaa’uutti waan siqe itti fakkaata waan ta’eef suunfachaa adeema calluma jedhee…abdiin tarkaanfachuu isaa ittuma fufa. Dharraa isaa dhadhaa isa fuunfate argatee nyaachuun liqimfamee utuu wanta fuunfate sana hin argatin achumaan bahee hafa. Fuunfachaa gara manaatti akka hin deebineef ammoo dhadhaan funyaan isaarraa dandeettii foolii biraa fuudhuu isaa dadhabsa waan ta’eef karaan inni irra dhufe waan bitaa itti galuuf ba’ee hafa-achumaan du’a.

Seerrataan(ruler) biyya lafaa hawwa fooniin hiddamnee jireenya irraa fagaannee akka nun burjaajofnu gochuuf mala inni itti fayyadamu yoo dubbisneerra ta’e seenaa sarichaa wajjin wal fakkaata. Hawwi akka dhadhaa funyaan irraa harkisaa gowwomsa malee garaa hin guutu. Adamsaan adamfamaaf kan inni waan inni nyaatu dhiyeessuuf isa qallabuuf barbaadee osoo hin taane hawwa isaan itti seenee isa qabachuuf waan barbaadeef qofa dha. Ijoollee waaqayyoo kan taane dammaqnee irraa of eeggachuu, cimnee ittiin mormuu kan qabnu diinni cimaan yoo jiraate Hawwii dha. Harra raammoodha jennee kan nuti tuffanneefi hawwi nuti simanne bor guddatee fi jabaatee nu hidduu fi nu liqimsuu kajeela. Fooniin biyya lafaa irratti wanta nuti fudhannu kamillee bor hawwa ulfeessuun isaa hin oolu. ulfi kun ammoo yeroon yoo baasifame malee bor guddatee cubbuu dhaluun isaa hin oolu. Kanaaf ammoo hawwaa fi mul’ata gargar baasuun dirqama ta’a. Kan nuti addaan baasnus akkasitti-hawwi dudduuba taa’ee ariifachiisaa nama oofa; mul’ati garuu fuuldura bu’ee bubbee fi qilleensa hamaa keessatti tasgabbiin nama oofa.

Bara keenyatti hawwii soorumaan kan hiddaman baayyeetu kiyyoo badiisaa fi diigamuun, kiyyoo nama liqimsuu fi dhibaa’ummaa namatti fiduun, kiyyoo nama miidhuun, kiyyoo hawwa baayyee fi kiyyoo qormaataan qabamanii kufani.

Kanaafis hawwii hamaan qabamnee fagaannee osoo hin deemin dafnee gara mana Abbaa keenyaatti qalbii diddiirachuun ha deebinu. Dafnee gara yaada diina keenyaa irratti haa dammaqnu. Waa’ee foonii yaaduu dhiisnee gubbaa isa jiru kan yaadu sammuu Kristoosiin haa qabaannu.

Hawwiin uumama isaan wanta nuti jibbinu ta’uu hin danda’u. Namni kamillee wanta jibbu hin hawwu. Hawwi garuu yeroo ilaallu kan miidhagu, yeroo waa’eesaa yaadnu kan nu dharraasisu, yeroo argannu immoo wanta nu boonsu dha. Kanaaf kiyyoo isaatiin yammuu qabamnu nutti hin beekamu, akkuma fatteen bishaan yeroo itti ho’aa deemu ittiin bohaaraa garuu achumaan ittiin affeelamtee haftu, nutis hawwi keenya gara cubbuu fi du’atti utuu geeddaramee nun salphisin of eeggachuun nurraa eegama. Farda hawwiin gulufuun namatti tola yeroof, rakkini isaa garuu yeroo boolla bira ittiin geenyu luugama qabaachuu dhiisuu isaati. Hawwi farda malee lugama hin qabu. Hawwi duubaan taa’ee nama oofa malee fuuldura bu’ee nama hin gaggeessu. “Bishaan kolfisiisaa nama nyaata” akkuma jedhamu hawwiin nu kolfisiisaa fi nu bohaarsaa mandara cubbuu keessa kutee gara biyya du’aatti nu geessa. Hawwiif qorichi isaa waan tokkodha innis- “Warri kan Kristoos ta’an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fanisaniiru.” Gal 5:24 akkuma jedhu, foonii fi hawwi isaa iddoo itti fannifaman gara fannoo Kristoositti amantiidhaan ilaaluu qofaa dha.”

Kitaaba “Efoy-ta” – Yared Tilahun irraa kan fudhatame.


Yaadota

Yaada kenni