Indiriyaas, dura obboleessa isaa Simooniin argatee, “Masiihicha arganneerra” jedhee itti hime; “Masihii” jechuun “Kiristoos” jechuu dha. indiriyaasis Simooniin gara Yesuusitti geesse; Yesus immoo isa ilaalee, “Edaa ati Simoon ilma Yohaannis; egaa si’achi ‘Keefaas’ jedhamtee in waamamta” jedheen. “Keefaas” jechuun afaan Giriikiitti “Phexros” jechuu dha; Pexros jechuun immoo “Dhagaa hin sochoone” jechuu dha.
Yohannis 1:41-42
Guddinni isaaf jireenyi isaa galaana Galiilaa irratti kan hundaa’e Simoon, obboleessa isaa Indiriyaasiin guyyaa guutuu hin argine. Qurxummii kiyyeessuu isaa dhiisee maalif akka isa jalaa bade hin galleef. Ganamaan gara iddoo Yohaannis itti barsiisuu fi cuubuu gara laga Yordaanos akka inni deeme yoo beekes, wanti akkas aduu itti dhiisisu jira jedhee hin tilmaamne. Yaaduma kanas utuu baasuu fi buusuu tasa namni tokko gara isaatti daddaffiin yammuu dhufu fagootti arge. Obboleessa isaa Indiriyaas ture. Nagaa ho’aa kana dura isaaf kennee hin beekneen isa sarde. Simoon haala obboleessa isaa kanatti dhibamuun “maal yoo argate akkas burraaqa laata?” jechuun dhoksaa burraaqa isaa kana baruuf ariifateera. Gammachuuf ajaa’ibsiifamuun fuula Indiriyaas irraa dubbifamu.
Indiriyaas, wanta jireenya isaa mirgaa duubatti naannesse kana obboleessa isaa dhoksuu hin dandeenye; hafuurri isaa gargar citaa “Masiihicha arganneerra; sa’atii kudhan guutuu isaa ajjin dabarsine, dhugumaan inni mucaa Waaqayyooti.” jedhee itti hime. “Ma-si-hi?”, Simoon gurra isaa amanuu hin dandeenye. “Kan raajonni waa’ee isaa dubbatan, macaafonni qulqulluun isaaf dhugaa bahan, qomoon kudha lamaan obsaan eeganii kan hin argine, abdii Israa’eliin, mootii biyya lafaa nan argadhe naan jettaa?”…wanta hin fakkaanne itti tahe. Haata’u iyyuu malee obboleessa isaa shakkuu hin dandeenye. Waan tokko sirriitti yoo addaan baafate malee salphaatti kan hin fudhanne, miira tasgabbaa’aa kan qabu ta’uusaa daran beeka. Simoon yeroo hin fudhanne “egaa…anaanis wal na barsiisuu dandeessaa?” jedhee gaafate obboleessa isaan…sagalee isa dhagahe arguuf ariifatuun. “Eeyyeen eenyullee isatti dhihaachuu kan danda’u, yeroo alaalaan ilaaltu garuu kan akkas hin fakkaanne, yeroo itti dhihaattu garuu sagaleen isa keessaa bahu jireenya kee kan jijjiiru, nama dinqisiisaadha.” jedheen yaadannoo isaa ho’aa irra deebi’ee yaadachaa. Simoon iddoo taa’ee ka’ee wayyaa isaa hojiirra ittiin oole urgufatee, golgaa isaa golgeeffatee, Indiriyaas karaa irra dhuferra wajjiniin deeman.
Simoon wantichi abjuu ta’ee dhugaa addaan baafachuun itti cimeera. Miilli isaa deemaa jiru malee lapheen isaa darbee deemeera. Dingata yaada itti dhidhimee jiru keessaa ba’uun, “amma Waaqayyoon isa dibame fuulaa fuulatti arguufan jedha jechuudhaa? Isa haasofsiisuufan jedhaa?” jechuun of-gaafate. Yeroo isa bira gahu, maal jedhee akka ofii isaa Yesuusiin barsiisu baasee buusa. Utuu hin beekin ariifannaan tarkaanfachaa waan turaniif, guyyaa Indiriyaasii fi hiriyoonni isaa Yesuusii wajjin bu’anii bakka deeman dafanii gahan. Yesuus muka harbuu tokko jala dhagaarra taa’ee jira. Indiriyaas itti siqee, nagaa kenneefii xiqqoo irraa siqee dhaabate. Simoonis akkamitti ofiisaa akka isa barsiisu yaadaa “Sim-oon-nin jedhama, il-ma Yoo-naa…” jechuun yeroo inni arraba takaalameen haasa’u,Yesus isa dursee sagalee tasgabbiin “Ati Simoon dha…” jedheen. Simoon ofiisaa utuu hin ibsin waamamuu isaatiin baayyee dhibamaa “Indiriyaas kuni iccitii mana keenyaa tokkollee hin hambisne; wanta hunda ittimeera” jedhee yaade. “Simoon tahuu isaa baruu kootiin si dhibe…kanallee warrumti si beekan hundi beeku. Kana caalaatti dhugaan sitti hima, ati Keefaa dha! Phexros! Kattaa dha ati! Mana Waaqayyoof dhagaa bu’uuraa kan ta’u, Kattaa hin sochoone!”.
Simooniif Indiriyaas aduun waan deemeef, turtii isaanii raawwatanii gara mana isaanii deebi’uu jalqabaniiru. Simoon garuu miira adda tahe keessa dhidhimee jira. “Ani Phexroosidhaa? Kattaa jabaa? Dhagaa bu’uuraa? ” jechuun of gaafata. Of barsiisuu deemee Ofiisaa wajjin wal baree galuun isaa baayyee dhibeenii jira. Dhugaadha, Simooniin Kattaa jabaa ta’uusaatiin namni tokkollee hin beeku kana dura, warri isaallee akkasitti hin beekaniin, nama biraa mitii innumtillee akkasitti of hin beeku ture. Harra garuu utuu itti hin yaadin kan waa beekuu wajjin wal argee Ofii isaa wajjin wal bare.
Harra meeqan keenyatu warri keenya, hiriyyooti keenya, firoonni keenya, barsiisoti keenya…kkf ati akkasi! isa isaan nuun jedhaniin walii gallee “ani akka sanaam edaa!” jechaa wanta ofii keenya hin taane faarfachaa kan jiraannu? Yesus Kiristoosiin yeroo wal arginu biyyi lafaa utuu hin uuumamin isa inni itti nu beekuun, gadameessa haadha keenyaa keessatti utuun nuun hin uumamin isa nu filateen, eenyummaa keenya isa sirrii nutti himuuf isa dandahu fuula Gooftaa dura hin dhaabbannaatii yeroo sana ammoo eenyummaa keenya isa dhugaa waliin wal barra. Isa baruun of baruudha!”
Akkuma Yesus Simooniin ofii isaa wajjin wal barsiisee eenyummaa isaa isa dhugaa, innis ammoo kiyyeessituu qurxummii utuu hin ta’in, nama wangeela Kiristoos barsiisee fi waldaa Kiristaanaa baayyee dhaabee darbe tahe.
Hojiin nuti hojjechaa jirru, jireenya nuti jiraachaa jirru, isa Abbaan keenya nuuf yaade, nuuf karoorse miti ta’a harra. Eenyummaa keenya isa sirrii Abbaa keenya biraa fudhannee isaaf haa jiraannuun ergaa kooti.
Eebbaaf ta’i!


Yaada kenni