Harka Qullaa Dhufne, Harka Qullaa Deebina

Nama Waaqayyoo ta’uun, nama wanta qabuun of danda’ee jiraatu biratti bu’aa guddaa qaba. Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaa nu ga’a.

1 Ximotiwoos 6:6-8

“Siwiizerlaand(switherland), biyyoota oomisha chakoleetiin beekaman keessaa warra gara duraa hiriiran keessaa tokko. Dhaabbilee ishee chakoleetii oomishan keessaa warshaan ‘Nestel’ isa guddicha. Warshaan kun utuu walirraa hin kutin oomisha yoo ta’eyyuu, daawwattootaaf balballi isaa yeroo hunda banaadha. Namni miilli gara Siwiizerlaand isa geesse tokko carraan warshaa oomisha chekoleetii kana daawwachuu isaa baayyee guddaadha. Kaakowaa(Cocoa) callaa irraa kaasee hanga dhuma oomisha qophaa’eetti sadarkaan jiran hundi ifaan mullatu. Chekoleetonni dhangala’oon halluu adda addaa qaban ujummoo pilaastikii akka fuullee ta’e keessa asiif achi dhangala’u.

Maarree Egaan, warshaan kun daawwattoota dhufaniif qajeelfama tokko tokko kenna utuu isaan hin daawwatin dura. Inni tokkoffaan namni kamillee gosa nyaataa kamiyyuu, keessumaa chekoleetii qabatee gara warshishaati seenuu hin dandahu (faalama nyaataa fiduu wanta danda’uuf nama seenuuf barbaadu akka nama meeshaa waraanaa sakkatta’uutti chekoleetii akka inni hin qabanne sakatta’u). Inni lammaffaan, Namni kamillee daawwannaa isaa keessatti chekoleetii hanga garaan isaa tarsa’utti nyaachuu danda’a. Inni sadaffaan, namni tokkollee Cittuu chekoleetii illee fuudhee bahuu hin danda’u!.

Jireenyi biyya lafaa keenyaa, muraasaan yeroo ilaalamu, qajeelfama warshaa chekoleetii kanaa kan hordofu fakkaata. Gara biyya lafaa kana yeroo dhufnu, wayyaa, qarshii, dubartii(haadha manaa), konkolaataa, sadarkaa barumsaa, kkf qabannee hin dhufne. Wanta qabnu hundumaa kan arganne biyya lafaa kana erga dhufneeti. Erga biyya lafaatti dhufnee booda, wanta nu barbaachisu mara seeraan itti fayyadamuuf mirga qabna, Waaqayyos buddeena guyyaa inni nuuf kenneef buddeena nu barbaachisu akka nuuf kennu sagalee isaan kakuu nuuf galeera. Haa ta’u malee du’aan yeroo biyya lafaa kana gadi dhiifnu wanta tokko illee fuunee deemuu hin dandeenyu. Kan biyya lafaarra jiru marti, baasii yookaan soorata guyyaadha. Umuriin keenya yoo dheerate iyyuu Abbaa keenya akka kadhannuuf kan nuti ajajamne buddeena keenya harraadha. Nagaa dhabanii, namaa wajjin walitti bu’anii, sodaa Waaqayyoo dhabanii, qabenya hedduu kan walitti qabatan guyyaan isaanii gahee yeroo lubbuun isaanii foon isaanii irraa addaan bahu, moofaa meetira lamaaf sanduuqa reeffaa tokkoof malee baasiin ramadamuuf hin jiru! Isumayyuu fudhatanii akka deemaniif osoo hin taane, reeffi isaani akka ittiin haguugamuufi.”

Wanta harra kajeellaa hamaa fi daba hojjechuun arganne ganama tokko of biraa dhabuu dandeenya. Waaqayyo warra waan jallaa hojjetan hundumaaf akka firdii isaatti, asuma biyya lafaa kanarratti gatii isaanii in kennaaf! Namoota dhugaaf, wangeelaaf jedhanii gadi of qabaniifis akkasuma araaraaf badhaadhina dhuma hin qabne Waaqayyo in kenna. Waaqayyo kakuu isaa kan raawwatu nama qajeelaaf abboomamaa ta’e qofaafi. Utuu beekanii jibba, haaloo bahuu, inaaffaa, dira’ummaa, soba…namoota raawwatan hundumaaf gatii jallina isaanii inni in kenna, in adabas!

Egaan, jalqabaaf dhumni jireenya keenyaa tokkuma, isa gidduutti wanta ta’uuf immoo lubbuun keenya akka boqonnaa argatuuf akkasumas akka maqaan keenya kabajaaf jaalalaan beekamuuf, kajeeltota qabeenya biyya keessummaa kanaa irraa of haa qusannu. Kanaafis immoo ayyaanni Waaqayyoo akka nuuf baayyatu kadhachuu qabna.

Eebbifamaa!

Madda: Kitaaba Afaan Amaaraan barreeffame “Efoy-ta” – Yared Tilahun.


Yaadota

Yaada kenni