Waa’ee Koo Natti Himi!

An hiriyyaa maqaanshee Soorettii jedhamtun qaba. Soorettiin intaloo qall’oo magaala, namni ijaan argu kamuu bareedashee dinqisiifatu dha. Nama itti siqee ishee hubateef immoo bifashee miidhagu kanatti ida’amee qalbii qabeettii fi qajeeltuu ta’uusheen caalaatti booji’ama. Soorettiin garuu ofii intala gaaffii jireenyaa fi hibboo baay’een guutamte turte.

Harmeen Soorettii daa’imummaan boqotte. Abbaan ishee immoo qofaa isaatiin “daa’ima kana guddisuu hin danda’u” jedhee yaaduun harmee ofii isaa biratti akka guddattuuf murteesse. Kanaaf Soorettiin kan guddatte akkoo ishee waliini. Akkoon Soorettii humna dandeesse hundumaan ishee kunuunsuun guddistullee kunuunsa abbaa fi haadhaa malee guddachuun ishee miidheera. Kanarraa kan ka’es Sorettiin gaaffii fi gadda garaa qabdi. “Ani eenyu? Maalifin uumameera? Maatiinkoo maalif na godhatan? haatikoo sababii maaliin boqotte? Abbaankoo na jaallata? Otuu na jaallata ta’ee maalif immoo ana guddisuuf hin jaallanne?” Gaaffii jedhanii fi kanneen biroo namuu deebii quubsaa hin kenniifiin ofii dhiphatti.

Soorettin nama “an haadhaa fi abbaakee beeka” jechuun dubbatu kamuu wanta inni beeku irraa dhaga’uuf gurri ishee dhaabbata. Gaaffii kumaatamas gaafachuuf takkaa hin nuffitu. Haaluma kanaan otuu jiruu gaaf tokko dubartii aadde Toltuu jedhamtu tokko waliin wal barte. Aadde Toltuun kun duratti  hiriyyaa garaa harmee Soorettiiti. Akka malee hiriyyoota wal jaallatan akka turanis ija imimmaaniin guuteen Soorettiitti himtee jirti. Yeroo aadde Toltuun, “biftii fi amallikee kanuma haadhakeen tokko, intala haadha fakkaattu” isheedhaan jettu caalaa waanti Soorettii fuula ibsu hin argamne. Akkuma barames Soorettiin gaaffii waa’ee maatiisheef qabduuf deebii barbaacha aadde Toltuu kana gaafachuu jalqabde. “Haatii fi abbaankoo wal jaallatu turani? Anahoo na jaallatu turanii? Gaafan dhaladhe maalin fakkaadha ture? Daa’ima ta’ee amallikoo akkam ture?” harmeenkoo waa’eekoo maalfaa dubbatti turte? gaaffiin jedhan gaaffii Soorettii isa galaana ta’e keessaa muraasa.

Aadde Toltuunis nuffa malee waan beektu hunda itti himti. Harmee fi abbaan Soorettii namoota akkam wal jaallata akka turan, yeroo Soorettiin dhalatte immoo gammachuun isaanii hammam guddaa akka turefaa itti himti. “Daa’ima taatees ati daa’ima gabii qabduu fi beektuu turte. Haatikee immoo si’iif lubbuu hin qabdu turte. Akka malee si jaallatti turte.” Jechuun Soorettii gammachuun guutti. Aadde Toltuun waanuma Soorettiin gaafattu kamuu deebisuuf hin nuffitu.

Soorettiin waa’ee ofii isheetii dhagahuurraa araadaan waan qabamte fakkaatti. “Aadde Toltuu, mee waa’eekoo natti himi” Jechuun gaaffii beekamaa Soorettii irraa aadde Toltuuf dhiyaatu erga ta’ee bubbuleera. Aadde Toltuunis nuffa malee gaaffii Soorettii isa waan dhuma qabu hin fakkaanneef deebii hubannaan guute kenniti. “Gaaffiin eenyummaa Soorettii deebii kan argatu nama tokkooni, innis aadde Toltuuni” Ofiin jetti Soorettiin. Kanaafuu isheen nama kamuu caalaa aadde Toltuu bira ooluu baay’ee jaallatti.

Har’as akkuma Soorettii gaaffii eenyummaa danuu qabaachuu dandeenya. Kanaaf “waa’eekoo isa dhugaa eenyu natti hima?” jennee yoo yaadneef deebiin jira. Innis Waaqayyo isa nu uumee fi isa dhugaan nu jaallatu dha. Waaqayyo immoo karaa dubbii isaa nutti dubbata. Macaafa Faarfannaa 139:13-16 irratti waa’ee Waaqayyoon beekamuu dubbata. Gadameessa haadha keenyaa keessattis Waaqayyotu nu uume. Kanaaf Waaqayyoon baay’ee beekamneerra. Waaqayyo otuu nuti ofiinuu of hin bariin; maatiin keenyas nu hin bariinuu dursee nu beekeera.

¹³ Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;
¹⁴ isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka.
¹⁵ Ani dhoksaatti yommuun hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne.
¹⁶ Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.

Macaafa Faarfannaa 139:13-16

Itti dabalees Ermiyaas raajichaan Waaqayyo dubbiima kana cimsee itti dubbateera. Macaafa Ermiyaas raajichaa 1:5 irratti “garaa haadhakee keessatti otuun si hin tolchiinin si fo’adhe, otuu ati hin dhalatiinis addaan si baafadhe” jedhaan. Kanaaf nuyi hundi keenya Waaqayyoon beekamneerra. Waaqayyos gaaffii eenyummaa keenyaan wal qabatu hundaaf deebii hundumaa waan nuuf qabuuf Waaqayyoon, “waa’eekoo natti himi!” jechuu dandeenya. Waaqayyos deebii nuuf kennuuf amanamaa fi dhugaa qabeessa dha.

Ayyaannii fi nagaan isiniif haa baya’atu!


Yaadota

Yaada kenni