Konkolaataa oofuu danda’uun waan tokko, garuu magaalaa konkolaataan itti heddummatu akka Finfinnee keessa konkolaachisuun immoo waan biraadha! Sababa isaatu yeroo mana leenjii konkolaachisummaa keessatti nama leenjisan dirree ballaa akka fardaa keessa gulufan keessattidha, erga hayyama konkolaachisummaa fudhatanii booda garuu dubbiin waan biraadha. Keessumatti ammoo daandiin irra konkolaachisnu konkolaataan itti baayyatan yoo ta’an namni hundi waan dubbii nama barabaadu namatti fakkaata. Waan namni hundi “ati achuma dhaabadhu ani nan deema” namaan jedhan namatti fakkaata. Hundumtuu akka nama konkolaataa kee of biratti hin argineetti oofa. Ani hayyama konkolaachisaa koo ergan fudhadhee booda konkolaataama kootti harka waanan hiikkadheef yaaddoon isaa na huuqqachiisee ture. Yeroo tokkko tokko “ka’een konkolaatattii kana achi dhaabeen taaksii fayyadamuu kootti deebi’ee nagaan jiraadha” jedheefaa yaadaan ture dhuguma dubbachuuf.
Hata’u malee wanti hin baramne hin jiru akkuma jedhan adeemsa keessa sodaan konkolaataa biraa waliin walitti bu’uu kun na keessaa badaa deeme. Edaa beekaa akka jaamaa oofu malee isaanumtuu konkolaataa biraatti akka hin buune akka nama tokkootti eeggachaa adeemu jarri! Erga kun naa galee harka hiikkadheema oofuun jalqabe, yaaddoon koos anarraa cabaa adeeme. Isan dur utuun manaa hin ba’in waa’ee oofuu yaadu booda keessa ergan konkolaataa koo kaafadhee boodayyuu waan akka sanaa hin yaadda’u.
Dandeettiin konkolaachisuu koo hammam guddatullee egaan of eeggannoo barbaachisu utuu hin godhin akkuma nama machaa’ee daddarbatamaa konkolaachisuun akka balaa qabu dhugaa haalamuu hin dandeenyedha. Bitaafi mirga koo ilaallachaan konkolaachisa. Hamma naa danda’amutti seera tiraafikaa utuun hin cabsin oofuu nan yaala, hamma harraattillee jechuu kooti.
Amaleeffannaa nama dinqu…
Yeroo dhihootti garuu waan amaleeffannaa nama dinqu tokkon ofirratti baraa ture. Innis yeroon konkolaachisu of eeggannoon ani konkolaattota naannoo koo jiraniif qabu hammi isaa tokko miti. Konkolaattoti ani baayyee baqadhu jiru. Gara isaaniitti siquu koon dura yookin karaa jijjiirrachuu yoon barbaade si kudhan ofirra ilaalaadha. Akkasuma ammoo konkolaattoti ani baayyee hin baqanne yookin natti bu’u jedhee hin shakkines ammoo jiru.
Gosootni konkolaataa ani baayyee baqadhu, warra rakasa ta’anidha. Kanneen akka taaksii fi “Laadaa” jedhaman kana itti siquu hin jaalladhu, yoo baayyee natti siqanis hamman danda’u irraan baqadha. Sababni isaa jarri yeroo oofan konkolaattoti manaa isaan waliin karaa wal saamuuf xiiqii keessa baayyee akka hin seenne beeku. Darbees ammoo yoo konkolaataan biraa waliin walitti bu’an kan isaanii kun moodeelota durii waan ta’aniif akka baayyee hin miidhamne beeku, qaamni isaanii sibiila jabaa irraa waan hojjetameef. Konkolaattoti manaa ammoo yeroo hedduu qaamni isaanii sibiila waan hin taaneef yoo xiqqoo sibiilaan rukutame salphaatti miidhamu, hojjechiisuufis maallaqa hedduu nama barbaada. Kanaaf namoonni konkolaataa manaa oofan warra konkolaataa durii oofan irra suuta jedhanii qalbiin oofu.
Anis ammoo akkuma kana, dabaree koo konkolaattotan baayyee hin baqanne, darbeeyyuu ija jabinaan bira darbuuf yookin itti siqee oofuu hin sodaanne jiru. Isaanis konkolaattota moodelaan yookin gatii itti bitamaniin kan koo baayyee caalanidha. Kun amaleeffannaan utuun hin beekin ofirratti argedha.
Konkolaachistoonni konkolaataa maallaqa guddaan bitan baayyee of eeggannoo guddaadhaan oofu. Qalbiin oofu. Miira kam keessayyuu yoo jiraatan konkolaataan kaan akka barbaade yoo fandalale iyyuu isaan bitaaf mirga, duraaf duuba isaanii sirriitti daawwachaa, qalbeeffachaa adeemu.
Sabani isaan baayyee of eeggatanis konkolaataan isaan qabatan kun baayyee miyaadha, qarshii hedduun bitan. Yoo xiqqoo miidhames bakkatti deebisuun maallaqa hedduu fixa. Kanaaf waan gatii guddaan bitan kana akkaan kunuunsanii qabatu.
Kanaaf anis kana waanan bareef konkolaattota baayyee miyaa kana ittuman adeema, isaan of eeggatu. Akka argan karaa hin jijjiirratan. Sagal itti yaadanii qajeelchituu isaanii naannessu. Akka feetee hin oofan!
Hafuurri Qulqulluus akkuma kana…
Kennaa Waaqayyo ijoollee isaaf kenne inni gati jabeessi Hafuura Qulqulluudha!
Eenyullee Hafuura Qulqulluu bitachuuf hin argatu! Inni baayyee miyaadha, baayyee jaallatamaadhas, Inni Waaqayyo! Kan Inni nuuf kennames bara baraan nu keessa akka jiraatuufidha. Tola kan Inni nuuf kennames Waaqayyo jaalala waan ta’eef, nus immoo Hafuura isaa malee waan tokko gochuu waan hin dandeenyeefi. Dadhabina keenyatti kan humna nuuf ta’u, yaada Waaqayyoo qoree kan nutti mullisu, Dubbii Waaqayyoo keessaas fuudhee kan nu barsiisu. Gaggeessaan keenya Inni dhugaa, inni baayyee gati-jabeessi, Inni jaallatamaan Hafuura Qulqulluudha!
Namootni konkolaataa miyaa ta’e qaban erga konkolaataa isaaniif hanga sana eeggatu ta’ee, erga akka argan karaa hin jijjiiran ta’ee, erga qalbeeffatanii oofu ta’ee, erga miiraan hin oofan ta’ee… hamma caalatti Kristaanonni Hafuura Qulqulluuf of eeggachuu qabnaree? Hammam caalaatti kennaa gati-jabeessa Waaqayyo biraa fudhanne kanaaf kabajaa fi bakka kennuu qabnaree!
Hammam caalaatti kennaa gati-jabeessa Waaqayyo biraa fudhanne kanaaf kabajaa fi bakka kennuu qabnaree!
Tarii hamma har’aatti kennaa ulfaataa nu keessa jiru kanaaf hamma namni tokko konkolaataa isaa jaallatuuf kennu hin kennine ta’a. Tarii akka namni konkolaataa isaa gati-jabeessaaf karaa mijataa akeekkatee filatee irra deemu Hafuura Qulqulluuf karaa mijataa ta’e filachuu dadhabneerra ta’a.
Tarii, akka nama waan ulfaataa qabu tokkootti deddeebi’uu dadhabneerra ta’a.
“Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga’u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul’isa.”
Yoh. 16:13
Kadhata
Yaa Gooftaa, Hafuura Qulqulluu kee isa gara dhugaa hundumaatti nama gaggeessuuf karaa kee irra nama deemsisu anaaf kennuu keetiif ulfaadhu! Guyyoota koo darban keessatti garuu akka nama kennaa cimaa hamma Hafuura Qulqulluu kee gahu akka nama hin qabneetti akkuman arge karaa natti fakkaateerra deddeebi’uu koo naaf dhiisi! Amma garuu nan deebi’a. Hafuurri kee waan hundumaarra anaaf caala, waan hundaa gararraas iddoon kennamuufiin Isaaf mala. Kanaaf harraa kaasee dhugaa kanaan deddeebi’uu nan filadha. Ayyaanni kees anaaf haa baayyatu. Ameen!


Yaada kenni