Waaqayyoon tajaajiluu ykn hojjetaa Waaqayyoo ta’uu jechuun hundumaa dursee eenyummaa ofii Waaqayyoof aarsaa godhanii dhiyeessuu dha. Itti aansuunis qabeenya, yeroo akkasumas humna ofii utuu hin qusatiin Gooftichaaf hojjechuu dabalata. Namni jireenya isaa aarsaa jiraataa fooliin isaa Waaqayyotti tolu utuu hin godhin Gooftaan tajaajilaa jira jedhee yaadu dhamaatiin isaa hundi akkasumaan lafatti baduu isaati. Ofii isaa sossoba malee Waaqayyoon sossobuun matumaa hin danda’amu.
Tajaajilli sammuun of qopheessuu irraa eegala, jechuunis sammuun nama tokkoo sammuu tajaajilaa miti taanaan dhamaatiin nama sanaa gatii hin qabu jechuu dha. Tajaajilaa ta’uun jijjiirama yaadaa fi ilaalchaa nama gaafata. Waaqayyo yeroo hundumaa wanta hojjennu caalaa maaliif akka hojjennu ilaala. Kanaafuu yaadi nuti itti tajaajillu fuula Waaqayyoo duratti bu’aa guddaa nuuf qaba. Tajaajila milkaa’aa akka qabaannuuf ilaalcha tajaajiltummaaf qabnu sirreeffachuun nurra jira.
Tajaajilli dandeettii keenyaan kan argamu miti. Tajaajilli waamicha Waaqayyoo namoota dhugaadhaan Yesus Kristoositti amananii duuka buutuu isaa ta’aniif godhe dha. Waamichi kunis Waaqayyo ofii isaan namoonni mootummaa isaaf lammiilee hojjetan akka ta’aniif karaa Yesus fo’atee ayyaana isaanis kanaaf kan malan isaan taasise dha. Waamichi kun immoo bakka, yeroo fi eenyummaa namaa kan hin qoodne dha.
Waaqayyoon taajajiluu jechuun namni tokko Kristoos Yesusitti amanee lammaffaa Hafuura Waaqayyoo irraa erga dhalatee jiruu fi jireenya isaan Waaqayyoof buluu fi bitamuu jechuu dha. Akka namoonni hedduun yaadan, waltajjii waldaa qabatanii lallabuu fi faarfachuu qofa miti tajaajilli. Dubbii afaan keenyaa caalaa jireenya keenyatu Waaqayyoof hojjeta. Kanaaf jiruu fi jireenyi tajaajilaa tokkoo kan ta’uu qabu dhugaa fi amantiin jireenya Waaqayyoo karaa Kristoos itti isa waame jiraachuun dhuga baatii jireenyaa ta’uu fi dubbii isaanis immoo namoota gara mootummaa Waaqayyootti waamuu dha. Kana gochuunis tajaajilaan dhugaa kaayyoo jireenya isaa isa jalqabaa fi xumuraa Waaqayyoof buluu fi namootatti isa mul’isuu godhata malee malee namoota gara yaada ofii isaatti hin harkisu.
Sagaleen Waaqayyoo Waa’ee Waaqayyoof Hojjechuu Maal Jedha?
Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa,Isin Kristoos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa.
Qolosaayis 3:23-24
Akka sagalee Waaqayyoo kana irraa hubannutti tajaajilli hojii keenya hundumaa ilaallata. Yeroo baay’ee waa’ee tajaajilaa irratti hubannoowwan dogoggora ta’an tokko tokko ni argina. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun tajaajiluu jechuun waltajjii waldaa irra dhaabbatanii tajaajiluu qofa itti fakkaata, jireenyi isaanii waltajjii alaa tajaajila itti hin fakkaatu. Ilaalchi akkasii baay’ee dogoggora dha.
Ija Waaqayyoon yoo ilaalamnu amanaa namni ta’e kamillee tajaajilaa ykn hojjetaa Waaqayyoo dha. Waltajjii waldaa irra dhaabbannee tajaajilles dhoksaan gola keessatti tajaajille lamaanuu fuula Waaqayyootti garaa garummaa hin qaban. Namni Waaqayyoon taajajilu Hafuuraan geggeeffama. Jireenya isaa hundumaa keessatti, dubbii fi ergaa Waaqayyo itti kennate dubbata. Jaallatamuuf, faayidaa mataa isaa argachuuf, beekamtii argachuuf, qarshii argachuuf, ittiin buluuf hin tajaajilu. Bakka Waaqayyo itti ergate dhaqa malee calluma jedhee akkuma barbaade oliif gadi hin kaatu. Waaqayyoof waan dubbatuuf dubbii dhugaa malee soba hin dubbatu. Yesusiin isa jireenyaa fi dhugaa ta’e mul’isee lallaba malee isa dhoksee of hin mul’isu. Akkasumas namoonni tajaajila waltajjii irratti hin hirmaanne immoo bakka hojii isaaniitti Waaqayyoon tajaajiluu qabu. Yeroo qacaramanii hojjetan akkasummas hojii dhuunfaa isaanii hojjetan nama osoo hin taane Waaqayyo na argaa jira, wantin hojjedhu hundumtuus Waaqayyoon kabachiisuu qaba jedhanii yaaduu qabu. Bakka hojiitti faayidaa seeraan alaa argachuuf jecha nama wal caalchisuun yookaan fakkeessudhaan hojjechuu osoo hin taane Waaqayyo hojii koo kanatti ni gammada, ittis ni kabajamuu qaba jedhanii yaaduutu irraa eegama.
Walumaa galatti, tajaajilaan dhugaa jireenyi koo guyyaa guyyaa Waaqayyoon ni lallaba jedhee yaada, jireenyaa fi dubbii isaan Waaqayyoof akka mucaa abboomamaatti bitama. Akkuma Yesus Abbaa isaaf hojjetaa amanamaa ta’e, namoota durattis gooftaa ta’ee otuu jiruu hojjetaa namootaa of taasisetti of shaakalsiisuun amanaa tokko irraa ni eegama. Darbees hojjetaan amanamaa tokko miindaa isaa jireenya isaan Waaqayyo ittiin kabajamuu fi ulfaachuu isaa taasisee bu’aa isaa Gonfoo Waaqarraa godhatee jiraachuu qaba.


Yaada kenni