Category: Waaqayyoon Beekuu
-

Abdii jiraataa jechuun maal jechuudha? Abdiin ati qabdu isa kami?
Phexros, seenaa waldaa Kristaanaa durii keessatti “Ergamaa Abdii” jedhameetu beekama. Sababni inni ittiin maqaa kanaan beekamus barumsii fi ergaan isaa waa’ee abdii fi amantii Kristaanotni Gooftaa Yesus Kristoos irratti qaban cimsuu irratti kan xiyyeeffatu ture. Ergaalee Phexros lamaan macaafa qulqulluu keessatti argaman irratti namoota Gooftaatti amananii utuu jiranii rakkina adda addaa keessa jiraniif Phexros ergaa…
-

Maqaa Waaqayyoo Beektaa?
Addunyaa kana irratti wantoota iddoo guddaan itti keennaman keessaa tokko moggaasa maqaati. Maqaan sababa adda addaan moggaafama; sababa malees maqaan hin mogga’u. Sababoota maqaa namootni itti moggaasan keessaa muraasni warra kana. Seenaa fi hidda dhufaatii nama tokkoo ibsuuf, taatee yeroo tokkoo ittiin of yaadachiisuuf, nama maqaan sun itti mogga’eef madda ciminaa yookaan jajjabinaa akka ta’uuf,…
-

Sagalee Na Waamu
Ijoollummaa keenyatti yaadannoo hedduu qabaachuu malla. Isaan keessaa tokko guyyoota balleessaa balleessinee maatiin keenya itti nu adabani natti fakkaata. Guyyoottan ijoollee ta’ee balleessaan balleesseef itti adabame baay’ee keessaa guyyaa tokko yeroon yaadadhu baayyee na dhiba, na kolfisiisas. Mi’a abbaan koo yeroo hunda ‘qodaa kana hin tuqin!’ jechuun irra deddeebi’ee natti himu tokkotu mana keenya keessa…
-

Ofii Wajjin Wal-baruu
Guddinni isaaf jireenyi isaa galaana Galiilaa irratti kan hundaa’e Simoon, obboleessa isaa Indiriyaasiin guyyaa guutuu hin argine. Qurxummii kiyyeessuu isaa dhiisee maalif akka isa jalaa bade hin galleef. Ganamaan gara iddoo Yohaannis itti barsiisuu fi cuubuu gara laga Yordaanos akka inni deeme yoo beekes, wanti akkas aduu itti dhiisisu jira jedhee hin tilmaamne. Yaaduma kanas…


